Oromiyaa keessatti walitti buhiinsa maqsuun tasgabbii waaressuuf mariin Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture boqonnaan duraa xumurame

Finfinnee, Eebla 25, 2015 (FBC) – Mariin nageenyaa Oromiyaa keessatti walitti buhiinsa maqsuun tasgabbii waaressuuf Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture Boqonnaan jalqabaa xumurameera.

Marichi heddumminaan haala eyyentaatiin kan geggeeffame tahus, marsaa kanaan dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra gahuun hin danda’amne.

Karaa nagaafi itti fufiinsa qabuun walitti buhiinsa dhaabuun akka
danda’amutti, mariin qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamu itti fufiinsa akka qabaatu waliigalameera.

Mootummaan heeraafi qajeeltoowwan hanga ammaatti ittiin hogganamaa jiruun walitti buhiinsa jiru karaa nagaa hiikuuf ejjennoo hin raafamne qaba.

Mootummaan ammas carraafi calqabbii gaarii rakkoolee karaa nagaa hiikkachuu eegalametti fayyadamuun furmaata waaraa fiduuf ejjennoo cimaa qabaachuu dabalee mirkaneessa.

Mootummaan FDRI qaamolee marii nageenyaa kanaaf haala mijeessaniifi keessummeessaniif galata dhiyeessuu Tajaajilii Kominikeeshinii Mootummaa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen eereera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment