Oromiyaa Godinaalee shan keessatti mankuusaawwan guguddaan 38 ijaarmaa jiru-BQO

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaa Godinaalee humna Oomisha olaanaa qaban shan keessatti mana kuusaa gurguddaa 38 ijaaramaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Rakkoolee harkifannaa ijaarsa mankuusaawwanii Yuuniyeenotaafi Waldaalee Hojii Gamtaaf ijaaramaa jiranirratti qooda fudhattoota waliin mari’atameera.

Rakkoo qisaasama midhaanii oomishaan boodaa furuuf, Naannoo Oromiyaa Godinaalee humna oomisha olaanaa qaban shan keessatti mankuusaawwan kuntaala kuma 50 qabachuu danda’an 30 waldaalee bu’uuraaf, mankuusaawwan 8 kan kuntaala kuma 80 qabachuu danda’an Yuuniyeenotaaf akkasumas Giddugala Tajaajila Galteewwan Qonnaa 2 ijaaramaa jiraachuun ibsameera.

Mankuusaawwan kunneenis deeggarsa Mootummaa Xaaliyaaniin ijaaramaa kan jiran yoo ta’u kanneen keessaa mankuusaawwan 17 xumuramaniiru jedhame.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Obbo Geetuu Gammachuu, mankuusaawwaan hinxumuramiin jiraaniin walqabatee kontiraaktaroota yeroo qabameetti xumuruu hindandeenyee rakkoo isaan quunname adda baasuu fi deeggaramuu akka qaban ibsaniiru.

Kanneen sababa amansiisaa malee lafarra harkisanirratti tarkaanfii fudhatamuu akka qabu Obbo Geetuun akeekaniiru.

Qulqullina ijaarsawwaniirrattis hordofii cimaa akka taasifamu kallattiin kaa’amuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment