Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Dhiyeessa tajaajila Teelekoominikeeshinii “Oorenji” damechaan Ityoophiyatti hojjechuuf fedhii qabaachuu beeksise.
Ministir Deetaan Ministeeraa Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi Giddugala Bahaa fi Afrikaatti damee teelekoomirratti kan bobba’e Hoji Gaggeessaa Koorporeeshinii “Oorenji” Jaroom Heniik waliin mari’ataniiru.
Dooktar Iyyoob, Ityoophiyatti carraalee invastimantii damee teelekominikeshinii Ityoophiyaarratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Mootummaan waggoottan lamaan darban ce’umsa dijitaalaa fi damee teelekomiin abbootii qabeenyaa alaa waliin hojjechuuf kutannoo argisiise kaasuun dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Jaroom Heeniik Gama isaaniin, koorporeeshinichi gabaa teelekomii Afrikaa keessatti hojiilee invastimantii irratti bobba’een milkaa’inaalee argamsiise ibsaniiru.
Fuuldurattis “Oorenji” hojiilee damechaa dhugoomsuuf dhimmoota teekinikaa irratti mari’achuf beellamataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.