Oomishaa fi oomishtummaa dammaa fi gagaa guddisuuf gaagurri ammayyaa miiliyoonni 1 raabsamuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC)- Oomishaa fi oomishtummaa dammaa fi gagaa guddisuuf gaagurri ammayyaa miiliyoonni 1 raabsuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ityoophiyaan waggaatti damma toonii kuma 500 fi gagaa toonii kuma 50 oomishuuf dandeettii kan qabdu ta’uu Ministeera Qonnaatti Daayrektarri qabeenya dammaa fi haarrii Abrahaam Zawdee ibsaniiru.

Haa ta’uu malee biyyattiin hanga ammaatti oomishuu kan dandeesse toonii kuma 15 kan hin caalle ta’uu kaasaniiru.

Waggoottan lamman darbanitti weerara vaayrasii koroonaa, haala yeroo Ityoophiyaa fi cancala gabaa qonnaan bultootaan walqabatee hangi oomisha dammaa gabaa alaaf ergamu hir’isuu eeraniiru.

Hanqinni teeknooloojii ammayyaa, haala jijjiirama qabeenya qilleensaa, qulqullina gaaagura oomishamuu fi hanqinni ogummaa qonnaan bulaa jiraachuun hir’achuu oomishaaf sababoota ta’uu eeraniiru.

Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojiin gaagura ammayyeessuu fi hojiin misooma magariisaan biqiltuuwwan dhaabaman kanniisaaf akka mijatan taasisuu hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Bakkeewwan garaagaraatti gaagura ammayyaa miiliyoona 1 raabsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan naannolee Oromiyaa, Kibba Lixa Ityoophiyaa fi Amaaraatti giddugaloonni leenjii fi haadhoo kanniisaa baayyisuu hojjetamanii gara hojiitti kan seenan ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment