Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Oomishtummaan qonnaa guddina diinagdee, hiyyummaa keessaa bahuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaadha jedhan Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
Pireezidaant Saahilawarq walga’ii dubartoota qonnaarratti bobba’an gahoomsuu 6ffaa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaa waliin walqabatee gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Diinagdee biyya kamiifiyyuu qonni lafee dugdaa ta’uu Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen kaasaniiru.
Afrikaatti humni namaa %75 ol damee qonnaarratti bobba’uufi kanneen keessaa ammoo walakkaa kan ta’an dubartoota ta’uu eeraniiru.
Oomishtummaan qonnaa guddina diinagdee, hiyyummaa keessaa bahuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii FDRIrraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.