Oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf kallattii sadiin hojjechaa jirra-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf kallattii sadiin hojjechaa jirra jedhan preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu gareen Maaykiroo diinagdee waliin aanaa Adaamii Tulluutti qamadii kilaasteraan oomishame daawwateera.

Jilichi oomisha qamadii yeroo jalqabaaf oomishamee bu’aa qabeessa ta’ee lafa heektaara 650 qonnaan bultoota 122’n misoomee daawwateera.

Qonnaan bultoonni kunneen gara indastiriitti guddachuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Oomishaa fi oomishitummaan isaanii dabaluus himaniiru.

Obbo Shimalliis Abdiisaa oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf kalattii sadiin , waan argannee ariitiin misoomsu, waan omishnu heddumminaan oomishuu fi waan oomishnu qulqullinaan yoo oomishnee gabaa aaddunyaaf dorgomuun Oromiyaa fi Ityoophiyaa ni jijjirra jedhaniiru.

Dabalataanis galma 4 qabachuun gama qonnaatin naannoon Oromiyaa nyaataan of dandeessisuu, sharafa alaa dabaluu, oomisha biyya alaarra galu hambisuun ofii oomishuun of danda’uu fi carraa hojii uumuudhaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu, akka naannoo Oromiyaatti wabii nyaataa mirkaneessuf lafti heektaarri miiliyoonni 1.18 oomisha qamadiin kan uwwifamee ta’uu ibsuun, kanneen keessaa kilaasteraan heektaara 625 omishamu himaniiru.

Lafa heektaara kanneen keessaas oomiisha qamadii kuntaala miiliyoona 46 argachuuf akka ta’ees eerraniiru.

Jamiilaa Jamaal fi Addis Muluneh gabaasetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment