Oomishtummaa qamadii yoo babal’isne naannawaa keenyaaf kuusaa daabboo ta’uu dandeenya-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC)-“Hanga ammaatti oomishtummaa qamadii galmeessisne cimsaa fi babal’isa yoo adeemne wabii nyaataan of danda’uu bira darbee naannawaa keenyaaf kuusaa daabboo ta’uu dandeenya jedhaan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Qaammee 2 guyyaa oomishtummaa har’a kabajamaa jiru ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.

Ityoophiyaatti bara 2015 qonna Gannaatiin oomishtummaan qamadii dabalee, oomishaalee hundaan qabiyyee xiqqaarratti qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaan kuntaala miiliyoona 400 oomishuuf karoorfameera.

Arfaasaatti ammoo hektaara miiliyoona 2 misoomsuun kuntalaa miiliyoona 63.2 akka oomishamu eegama.

Akkasumas jallisii bonaatiin qamadii biyya alaatii galu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf karoora biyyaalessaa qabame hojiirra oolchuuf jallisii bonaatiin kuntaala miiliyoona 36 oomishuuf karoorfameera.

Muummeen Ministiraa kanaan dura akka ibsanitti, lafa hinqotamne qotuun qonna kilaastaraan qamadii oomishuun of danda’uuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiru.

Bu’uura karoora misooma qonnaatiin xiyyeefannaa addaan hojjetamaa jiraachuu fi galtee fi walitti hidhamiinsa gabaatiin bu’a qabeessa ni ta’a jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment