Oomishtummaa misooma bunaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira- Biiroon Qonnaa Oromiyaa

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Misooma bunaa babal’isuu fi ammayyeessuun oomishtummaa isaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise

Bunni sharafa alaa maddisiisuun sadarkaa duraarratti kan argamu waan taheef misooma isaa karaa ammayyaa’aa taheen babal’isuuf Innishetiiviin misooma bunaa qoratamee hojiirra oolaa jiraachuu Ittaanaa Hoogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Bunaa fi Muduraa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Mohaammedsaanii Amiin ibsaniiru.

Lafa qonnaa dhangaggaa’ummaan biyyee itti hammaate daangessuun biqiltuun bunaa sanyii fooyya’aa omishitummaan isaa olaanaa tahe kilaasteraan akka dhaabamu taasisuu fi buna dulloome gamashuun sanyii fooyya’aan bakka buusuun omishaa fi omshitummaan guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Buna dulloome haaromsuun wal qabatee hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 1 fi 555 hojjechuuf karoorfamee hektaarri kumni 68 fi 819  xumuramuusaa obbo Mohaammedsaaniin himaniiru.

Gamaa biraan qophii biqiltuu bunaa bara kanaa dhaabamuuf biqiltuun biiliyoona 1.078 qophessuuf karoorfamee biqiltuun biiliyoonni 1.326 ol qophaa’uu himaniiru.

Qophii dhaabbii biqiltuu bunaa bara 2014’f boollI dhaabbii Biiliyoonni 1.078 ol karoorfamee hanga ammaatti Kumni Dhibbi 2 fi kumni 97 fi kumni 9 fi kumni 4 fi 290 irra gahee jiraachuu eeraniiru.

Hojiin misoom bunaa ifaajjeefi dadhabbii kan nama gaafatu ta’us bu’aan isaa kan nama gammachiisu waan ta’eef hoggantoonnii fi ogeessoni sadarkaan jiran qonnaan bultootaa fi oomishitoota bunaa deggaruun hojiin inisheetiivii misooma bunaa qabamee jiru akka milkaa’u taasisuun ga’ee irraa barbaadamu bahachuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment