Oomishtummaa indaastirii guddisuun, dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaa furuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Eebila 16, 2012 (FBC) – Oomishtummaa indaastirii damee oomishaa guddisuudhan dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisuu malu furuuf hojjetamaa jira.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii akka beeksisetti damichi hojjettoota akka ofirraa hin gaggeessine, oomishtummaan akka hin hir’anne, warshaaleen akka hin cufamne taasifamaa jiraachuu ibseera.
 
Ministirri ministeerichaa obbo Malaakuu Aallabal dhaabbilee oomishaalee weerara vaayrasichaa qolachuuf oolan oomishaniif dhiyeessii sharafa alaa fooyyessuudhan humna guutudhaan akka hojjetan tattaaffatamaa jira jedhan.
 
Dhaabbileen saamunaa fi diitarjantii rakkoo dhiyeessii oomishaalee dheedhitiin akka hin miidhamneef Doolaarri miiliyoonni 100 ramadamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Indaastiroonni xixiqqaa fi jiddugaleessaa 18,855 ol weerara vaayrasichaatin rakkoon gabaa akka isaan hin mudanneef tumsi qophaa’uu ibsaniiru obbo Malaakuun.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment