Oomishtummaa Dammaa toonii kuma 98’tti guddisuun danda’ameera- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Oomishtummaa Dammaa toonii kuma 98’tti guddisuun akka danda’ame Muummeen Ministiraa FDRI DooktarAbiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad, Ityoophiyaan sadarkaa Idil Addunyaatti biyyoota oomishaa dammaa sadarkaa olaanaan oomishan 10 keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa “Maaddii Guutuu” bara darbe eegalameen maloota ammayya’aa hojiiraa oolchuun waggaatti oomishaa fi oomishtumaa dammaa gara toonii kuma 98’tti guddisuun akka danda’ame Dooktar Abiy kaasaniiru.

Itiyoophiyaan biyya biqiloota garaagaraa qabdu, lubbuu qabeeyyiin garaaraa fi qabeenya qilleensaa oomisha dammaaf mijaattuu waan taasisaniif, kana tilmaama keessa galchuun karoora bara dhufuutiin oomisha dammaa dachaan dabaluuf ta’uu himaniiru.

Ammas oomisha dachaan dabaluuf tattaaffii waliin taasifnu haa cimsinu jechuun Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment