Oomishti qonnaa kuntaalli kuma dhibba 6 ol shamattootaf dhiyaachaa jiraachun ibsame

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Oomishti qonnaa kuntaalli kuma dhibba 6 ol shamattootaf dhiyaachaa jiraachun ibsame.
 
Eejansiin Hojii Gamtaa Federaalaa akka beeksisetti, torbeewwan lamaan darbanitti oomishti qonnaa kuntaalli kumni dhibba 6 ol karaa waldaalee hojii gamtaatin shamattootaf dhiyaatera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa ega mudatee kaasee hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne hojjetamaa jiraachuu daayreektarri olaanaa eejansichaa obbo Usmaan Suruur “EBC”tti himaniiru.
 
Baadiyyaatti yuuniyeenonni 200 ol, magaalotatti ammoo yuuniyeenonni 35 gatii madaalawaadhan oomishaalee addaddaa ummataaf dhiyeessaa jiru.
 
Yeroo itti aanu keessattis oomisha kuntaala miiliyoona 1.9 dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhan.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment