Oomishoonni sadarkaa qulqullinaa dirqisiisaa ta’e hin guunne gara biyya keessaa akka hin seenne dhorkaman

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) –Qorannoo laabiraatoorii fi Sakattoo  Inspeekshinii oomishaalee alaa galanirratti gaggeeffameen oomishoonni sadarkaa qulqullinaa dirqisiisaa ta’e hin guunne gara biyya keessaa akka hin seenne dhorkamuu ibsame.

Haaluma kanaan qorannoo fi sakattoo taasifameen Ampoolii LED meetirik toonii 3. 5, raabsaa humna elektirikaa meetirik toonii 25. 8,  Ampoolii kaartoonii 368, Qorqorroo kuma 4 fi 800, Sibiilota ijaarsaa garaagaraa meetirik toonii 8.131, Qorqorroo maraa meetrik toonii 12.6 fi Ampooliin Filooresentii kumni 5 gara biyyaa akka hin seenne dhorkamuu ibsameera.

Dabalataan sookkeettiin raabsaa elektirikaa meetirik toonii 293, Atarri hororame meetirik tooniin 55.3, Ruuziin Meetrik toonii 24.93 fi Qullubbii diimaan meetrik toonii 693.8 gara biyyaa akka hin seennee fi fayyaa, nageenyaa fi fayidaa hawaasaa akka hin miine taasifamuu daayrektarri damichaa obbo Iyyaasuu Simi’oon ibsuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment