Oomishni yeroo ammaa jiru imalli birmadummaa nyaataa mirkanaa’aa jiraachuu agarsiiftudha – TKM

Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) – Oomishni Qonna Gannaan Godina Arsii fi Baaleetti oomishamaa jiru imalli birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkanaa’aa jiraachuu agarsiiftuu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Deeggarsi mootummaan qonnaan bultootaaf taasise Badhaadhina gamhedduu Itiyoophiyaan eegalte mirkanaa’aa jiraachuu mul’iftuu ta’uu Ministir Deetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan ibsaniiru.

Garbuu fi Qamadiin Godina Baalee fi Arsiitti oomishamaa jiran fakkeenya ta’uu himaniiru.

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee bu’aa qabeessa ta’anirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Miidiyaaleen Muuxannoo gaarii kana babal’isuurratti hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment