Oomishni Simintoo Fuhaan wuhaan faayidaarra akka hin oolleef dhorkame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Oomishni Simintoo Fuhaan wuhaan faayidaarra akka hin oolleef dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Simmintoon Fuhaan wuhaan ulaagaa sadarkaa dirqamsiisaa Ityoophiyaa kan hinguutne waan ta’eef, hanga sirreeffama taasisanitti mallattoo sadarkeessaa biyyaalessaa fi waraqaa ragaa qulqullinaa fayyadamuun dhorkamee turuu yaadachiiseera.

Mallattoon sadarkaa biyyaalessaa fi waraqaa ragaa qulqullinaa dhorkamee utuu jiruu haala burjaajessaa fi nageenyaa hawaasaa fi diinagee kan miidhu  simmintoo CEM II 32.5 N oomishuun gabaaf kan dhiyeesse ta’uu eeruun, dhaabbaticharratti tarkaanfiin dhorkii fudhtamuu ibseera.

Haaluma kanaan qulqullinni simmintoo Fuhaan Wuhaan kan hin mirkanoofnee waan ta’eef gabaa biyyattii hundaarraa akka walitti qabamuu fi hawaasnis akka hinfayyadamne Ministeerichi  akeekkachisuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment