Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) –Oomishni Bunaa Afrikaa rakkoolee jiran dandamachuun dorgomaa akka ta’u Itiyoophiyaan qooda ishee kan baatu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.
Waltajjiin imaammataa akaakuun adda ta’e har’a Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Itiyoophiyaan bakka argama Bunaa qofa osoo hin taane oomishtummaa fi qulqullina dabaluun gabaa Addunyaa dursuu kan dandeessu ta’uu Dooktar Girmaan eeraniiru.
Kanaafis gufuulee idil addunyaa dandamachuun Oomishtummaa Bunaa mirkaneessuuf hojjetaa jiraachuu himaniiru.
Waggoottaan shanan darban keessas Biqiltuuwwan Bunaa biiliyoonaan lakkaawwaman dhaabbachuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia