Oomishi biyya keessa Itiyoophiyaa Doolaara Biiliyoona 164’tti dhiyaateera-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Waggoottan shanan darban rakkooleen namtolchee fi uumamaa mudatanis yeroo ammaa oomishi waliigalaa biyyattii Doolaara Biiliyoona 164’tti dhiyaachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad himan.

Dookta Abiy haalaa waliigalaa damee diinagde eilaalchisuun Ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kennaiiniru.

Ibsa isaaniin, hojiilee xiyyeeffannaan akka hojjetamaniif mootummaan karoorfate keessaa damee diinagdee gooroo tasgabbeessuu, invastimantii fi sirna daldalaa fooyyessuu akka ta’e dubbatan.

Akkasumaas dandeetti raawwachiisummaa mootummaa guddisuu ta’uu himaniiru.

Diinagdee biyyattii gara diinagdee magaariisatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kan akeekan Dooktar Abiy, keessumaa magaalaa irratti diinagdee ijaarsaa, konkiriitii, simmintoo qofaa utuu hintaane naannawaa magariisaa uumuu fi qonnaan walitti hidhuu kan of keessatti qabate ta’uu dubbataniiru.

Waggootaan shanan darban rakkooleen namtolchee fi umamaa akkasumas haalli idil addunyaa turanillee, oomishi waliigaaa biyya keessaa dachaa guddachuu himaniiru.

Yeroo ammaas oomishi waliigalaa biyyattii Doolaara Biiliyoona 164’tti dhiyaachuu himaniiru.

Galii nama dhuunfaa Doolaara 882 kan ture yeroo ammaa Doolaara kuma 1 fi 549 ga’uu fi kunis dachaa guddachuu himaniiru.
Damee qonnaaf xiyyeeffannaa olaanaa kennameenis oomishi midhaanii %7 guddateera jedhan.

Barana lafa hektaara miiliyoona 22 ol misoomsuun oomishaa kuntaala miiliyoona 800 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojjeelee qonna Gannaan bu’aaleen argamanis karoorichaa milkeessuun akka danda’amuu kan akeekuudha jedhaniiru.

Dameen indaastirii %6.9 guddinaa argisiisuu himanii kana keessaa dameen elektirikii %12 guddchuu, dameen konistiraakshinii % 7.1 guddachuu, dameen manufaakchariingii %7.1 guddachuu himaniiru.

Damichi Itiyoophiyaaf murteessa ta’uun, sosochii “Itiyoophiyaan haa omishtu” jedhuun dandeettiin oomishuu warshaalee %55 ga’uu fi kunis %8 dabaluu eeraniiru.

Fedhii sharafa alaa kan guddisuu oomishaalee biyya keessaan bakka buusuu ta’uu himanii, fedhii biyya keessaa guutuufis oomishaaleen alaa gala turan %38 biyya keessatti oomishama akka jiran dubbataniiru.

Dhagaa Cilee, Garbuu Biiraa alaa galchuun guutummaatti dhaabbachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment