Finfinnee, Adooleessa 20, 2013 (FBC) – Oomishaaleen sadarkaa gadi ta’an Meetirik Tooniin kumni 3 fi 685 ol gara biyya keessaa akka hin seenne dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiiseera.
Bara baajataa 2013 oomishaaleen sadarkaa gadi ta’an, nageenyummaan fi sirrummaan isaanii hin mirkanoofne Meetirik Tooniin kumni 3 fi 685.2 gara biyya keessaa akka hin seenne dhorkamuu ibseera.
Oomishaalee Keemikaalaa, Meeshaaleen Elektirooniksii fi Ijaarsaa dabalatee oomishaaleen nyaataa sadarkaa gadi ta’an gara biyya keessaa akka hin galle ittifamuu himameera.
Oomishaalee Meetirik Toonii Kuma dhibba 6 fi kuma 85 fi 500 irratti hojii Inispeekshinii gaggeessuuf karoorfamee Meetirik Toonii Kuma dhibba 6 fi kuma 20 fi 760 raawwachuun eeyyamni laatamuu ibsameera.
Ministeera Daldalaa fi Indaastiriitti Daayreektoreetiin To’annoo fi Hordoffii meeshaalee al ergii fi alaa galuu bara baajata kana hojii Inispeekshinii hojjetamuuf karoorfame keessaa % 97.7 raawwatamuu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.