Oomishaaleen gara magaalaa galan hawaasaaf sirnaan qaqqabuu qabu – aadde Adaanach

Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC) – Qaala’iinsa jireenyaa ittisuuf hanqina maallaqaa Shamattoota quunname furuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuu itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Oomishaaleen heddumminaan gara magaalaa akka galanii fi cancala gabaabsuuf hojii hojjetameen gabaa tasgabbeessuun danda’amuu aadde Adaanach Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
Oomishaaleen gara magaalaa galan kaayyoo barbaaddamee fi hawaasaaf sirnaan qaqqabuu akka qaban aadde Adaanach hubachiisaniiru.
Jiraattoonni magaalichaa waldaalee shamattootaa dhiyeenya isaatti argamuu deemuun oomishaalee bitachuu akka qabu eeraniiru.
Yuuniiyeenootaa fi Waldaalee Shamattootaa maallaqa laatameef amanamummaan dhimma jedhameef oolchuun galateeffataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa liqii naannawaa miiliyoona dhibba 5 waldaaleen shamattootaa akka argatan taasiisuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment