Oomishaaleen Doolaarri miiliyoona 600 baasii itti ta’aa ture biyya keessatti oomishamuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)-Adeemsa hanga ammaatti jirun oomishaaleen Doolaara miiliyoona 600 baasii itti tahaa turan biyya keessatti oomishuun bakka buusuun akka danda’e Paarkiin Indaastirii Adaamaa beeksise.

Paarkiichi oomishaalee ala galan biyya keessatti bakka buusuuf hojjecha jiraachuu fi sheedonni 19 paarkicha keessatti argaman gara oomishuutti galuu isaanii Hojii Gaggeessaan Paarkicha Gulilaat Abbabaan ibsaniiru.

Dhaabbiileen 14 paarkiicha keessatti hojjecha jiraachuu eeruun, dhaabbiileen kunneen dhaabbiilee biyyaa keessa jiran waliin walitti hidhamiinsa daldalaa Doolara miiliyoona 300 uumuu dubbataniiru.

Dameen oomishtootaa, qabeenya uumuurratti shoora olaanaa qabaachuu ibsuun, kanneen damee tajaajilarratti bobba’anii turan gara oomishtummatti akka galan waamicha dhiyeessaniiru.

Paarkiichi laammiilee kuma 8 ‘f carraa hojii uumuus ibsan.

Sharafa alaa argamsiisuu fi ce’umsa teeknoolojii argamsisuurra darbe ce’umsa qonnarra gara Indaastiriitti taasiifamaa jiruuf tumsa ta’uu kaasaniiru.

Jaappaan, Chaayinaa, Hiindi ,Noorwey , Emeretoota Arabaa Gamtoomanii fi dhaabbiileen biyya keessaa Paarkichaa keessatti hojjechaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment