Oomishaaleen ayyaanaaf barbaachisan magaalattii seenaa jiru jedhame

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Ayyaana dhufaa jiru sababaeeffachuun galteewwan yeroo ayyaanaa barbaachisan oomishaaleen hedduun gara Magaalaa Finfinnee seenaa jiraachuu Bulchiinsi Magaala Finfinnee ibse.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee tooraa miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, ayyaana dhufaa jiru sababeeffachuun oomishaaleen ayyaanaaf barbaachisan gara magaalattii seenaa jiru.

Oomishaaleen kunneenis, gabaa Dilbataa fi suuqiiwwan Waldalee Hojii Gamtaa Shamattoottti dhiyaataniiru jedhan.

Gabaan Dilbataa, Dilbata dabaltee hanga barri haaraan seenutti akka turu ibsaniiru.

Hawaasnis qaamolee sababa malee gatii hinmallee dabalanii fi shira diinagdee uumanirraa akka of eeguu fi gabaa Dilbataa fi Suuqii Waldaalee Hojii Gamtaa Shamattooraarraa akka bitatu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment