Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Oomishaaleen ashaboo nyaataa garaagaraa gabaarraa dhorkamuu Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaalee Itiyoophiyaa ibse.
Oomishaaleen kunneen qaama dhimmi ilaallatuun eeyyamni fayyadama mallattoo sadarkeessaa osoo hin kennamiifiin akkasumas qulqullinniifi sadarkaan isaanii osoo hin mirkaneeffamiin gabaarra waan oolaniif dhorkamuu ibsameera.
Abbaan taayitichaa to’annoo gabaarratti taasiseen oomishaaleen ashaboo nyaataa garaagaraa shan eeyyama fayyadama sadarkeessaa biyyaalessaa osoo hin argatiin mallattoo isaa maxxanfachuun gabaarra oolanii argamuu eereera.
Oomishaaleen kunneen qulqullinniifi nageenyummaan isaanii kan hin mirkanoofne waan ta’eef hawaasni akka hin fayyadamne yaadachiiseera.
Oomishaaleen dhorkamanis Ashaboo Nyaataa Liinuu, Ashaboo Nyaataa Taarik, Saalt Beey, Ashaboo Ayoodaayizdii Shiimaa fi Ashaboo Ayoodaayizdii JM ta’uu eerameera.
#Oromia #Ethiopia