Oomishaaleen albuudaa Biroomiiniifi Kirooliiniin yeroo dhiyootti gabaa alaafi biyya keessaaf kan dhiyaatan ta’uu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Oomishaaleen albuudaa Biroomiiniifi Kirooliiniin yeroo dhiyootti gabaa alaafi biyya keessaaf kan dhiyaatan ta’uu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Albuudaa Miiliyoon Maatewoos, hojiin oomisha albuudaa Biroomiiniifi Kirooliinii naannoo Affaaritti eegalamuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Oomishaalee kanneen yeroo dhiyootta gabaa alaafi biyya keessaaf dhiyeessuuf sochiirra jiraachuu kaasaniiru.

Bakkeewwan biroottis albuudota haaraa gara oomishaatti galchuuf ministeerichi hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Dabalataanis faayaalee garaagaraafi albuudota haaraa gara alaatti erguun sharafa alaa argamsiisuuf adeemsarra jiraachuu kaasaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment