Oomishaalee nyaataa biyyoota biroo gara Chaayinaa galanirrtti vaayrasiin koroonaa muul’ate

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Magaaloota Chaayinaa lama keessatti oomishaalee nyaataa saamsamanii alaa galanirratti vaayrasiin koroonaa muul’achuu aanga’oonni naannichaa beeksisan.
 
Yaa ta’uutii Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa nyaataalee saamsaman irraa vaayrasichi namaatti kan hin dabarre ta’uu beeksiseera.
 
Foon lukku Braazilii gara magaalaa Chaayinaa Sheenziheen galan irraa samuudaa fudhatameen vaayrasichi irratti argamuu mirkanaa’eera.
 
Akkasumas nyaataalee foonii Ikkuwaadoor irraa gara magaalaa Shiiyan galanirrattis vaayrasichi argamuu aanga’oonni naannichaa ibsaniiru.
 
Aanga’oonni magaalaa Sheenziheen akka beeksisaniitti, foon lukkuu kun dhaabbata beekkamaa al ergii foon lukkuu fi Booyyee Braaziil Arooraa jedhamurraa kan galeedha.
 
Guyyoota 100 booda vaayrasicha deebi’ee kan itti muula’ate Niwuzlaand gama isheen vaayrasicha geejjiba lafarraa, Baabuuraa fi tajaajila fe’umsa xiyyaaraan gara biyya isheetti deebi’uu hin oolu jechuun qorannoo eegalteerti.
 
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa gama isaan, vaayrasiin koroonaa gama nyaatan hin darbu waan ta’eef sodaachuun hin barbaachisu jedheera.
 
Bulchiinsi qorichaa fi nyaataa Ameerikaa fi kutaan qonnaa ibsa waloo laataniin, vaayrasichi oomishaalee nyaataarraa akka nama hin qabne qorannoon mirkaneesse hin jiru jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Comments (0)
Add Comment