Oomishaalee meetirik toonii 317.83 sadarkaa gadii ta’an biyyaa keessa akka hinseennee dhorkame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015 (FBC)– Oomishaalee meetirik toonii 317.83 sadarkaa Ityoophiyaa hinguutne biyya keessa akka hinseenne dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.

Kurmaana jalqabaatti manni hojichaa gaaffii fichisiisummaa kuma 2 fi 396 simachuun oomishaalee meetirik toonii kuma 600 irratti hojiilee sakatta’iinsaa gaggeessuuf karoorfachuun, meeshalee galii meetirik toonii miiliyoona 759 fi kuma 491 fi 346rratti hojiilee sakatta’iinsa gaggeessuu ibseera.

Bara baajatichaa kurmaana jalqabaatti oomishaalee galiirratti qorannoo laabiraatoorii fi sakatta’iinsaa gaggeeffameen zayiita meetirik toonii 0.111, Ampoolii LED toonii 3.35, shiboo elektirikii toonii 2.76, ruuzii toonii 54.51 fi daakuu qamadii toonii 257.1 sadarkaa gadii ta’anii argamuu isaaniin biyya keessa akka hinseenne taasifamuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment