Oomishaalee kuduraa fi muduraa Ityoophiyaa gabaa Jibuutiif dhiyeessuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) –  Ityoophiyaa fi Jibuutiin oomishaalee kuduraa fi muduraa gabaa Jibuutiif dhiyeessuuf waliigaluu ibsame.

Fooramiin jalqabaa Kuduraa fi Muduraa Ityoo- Jibuutii magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Fooramichaan daldaltoonni kuduraa fi muduraa gabaa alaaf dhiyeessan 20 ol gabaawwan gurguddoo Jibuutiif dhiyeessuuf waliigalaniiru.

Yeroo addunyaan qaala’iinsa nyaataa keessa jirtutti walitti hidhamiinsa daldala naannawaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Jilli Jibuutii yeroo dhiyootti Bishooftuu fi Qooqaatti daawwannaa ooyiruu taasisa jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment