Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Oomishaalee fi shaqaxootarratti daballiin gatii hin barbaachifne akka hin jiraanneef to’annoo cimaan taasisuumu akka qabu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal ibsaniiru.
Ministirichi kana kan ibsan itti gaafatamtoota biiroo daldalaa naannoo fi bulchiinsa magaaloota waliin marii viidiyoo konfiraansii taasisaan irratti dubbataniiru.
Yeroo heeddu sababiin daballii gatii taasifamuuf to’annoon damee daldalaa fi dhaabbilee mootummaan taasifamuu laafaa ta’uuni jedhameera.
Ta’uus sirni hordooffii hawaasaa fi hawaasa daldalaa hirmaachisee itti fufiinsaan diriirsuu fi sochii hojii ogeeyyoota hordofuu fi deeggaruun barbachiisadha.
Kanarra darbees daldalaa seeraan ala kontirobaandii irratti xiyyeeffannoo addaan hojjechuun taarkaanfii fudhatamee gamagamuun bu’aa argamee erga deemuun akka hojii gaariitti fudhatamuu akka qabu ministirichi yaadachisaaniiru.
Naannoolee fi bulchisoonni magaaloota oomisha alaarratti xiyyeeffannoo laachuun hojjechuu qabus jedhaniiru.
Sabaaba weerara vaayrasii koroonaan oomishaalee fi shaqaxootarratti daballiin gatii hin barbaachifne akka hin jiraanneef to’annoo cimaa gochuun cinatti foyya’insa dhiyeessii fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Dabalataniis tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuun, to’achuu fi dhibbaan qaqqabsisuu hambiisuuf labsii yeroo ariifachiisaa ba’ee fi labsiichaa hojirraa olchuuf karaan dandeessisuu irratti mari’ataniiru.