Oomishaalee daldala alaa Ityoophiyaa guddisuuf walta’iinsaan ni hojjenna- ETIAK

Finfinnee,Sadaasa, 5 2015,(FBC)- Oomishaalee daldala alaa Ityoophiyaa guddisuuf walta’iinsaan kan  hojjetu ta’uu Ejensiin Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa ibse.

Qulqullinni oomishaalee daldala alaa Ityoophiyaa akka dabaluufi oomishaalee alaa galan hambisuun kan biyya keessaan bakka buusuun akka danda’amutti filannoowwan jiran irratti tumsaan hojjechuu akka barbaadan Ityoophiyaatti Daayrektarri Olaanaan Ejensii Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa Shiinyaang Liin ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Indaalaw Makonnin, hariiroon Ityoophiyaafi Kooriyaa michummaafi amanamummaa irratti kan hundaa’e ta’uu kaasaniiru.

Fayyadamummaa waloo biyyoota lameenii mirkaneessuuf Ejensii Tumsa Idil Addunyaa kooriyaa waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment