Oomishaalee biyya keessaaf beekamtii kennuu fi oomishtoota jajjabeessuun barbaachisaadha- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Oomishaalee biyya keessaaf beekamtii kennuu fi oomishtoota jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee  Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanach agarsiisa torbee Ogummaa,Teekinikaa fi Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee 12ffaa Paarkii Michummaatti ifatti bananiiru.

Biiroon Misoomaa fi Leenjii Ogummaa fi Teekinikaa magaalicha mata duree  “ Ogummaa fi Teeknooloojii oomishtummaaf” jedhuun agarsiisaa fi egzibiishinii qopheesuun guyyaa har’aa ifatti banameera.

Indaastiriin, kalaqni hojii fi teeknooloojiin waadaa bulchiinsi magaalichaa uummataaf seene tokko tokkoon deebisuufi uummata fayyadamoo taasisuuf kan gargaaran ta’uu itti amanuunii fi xiyyeeffannoo kennuun qamolee dhimmi ilaallatu waliin irratti  hojjechaa jiraachuu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Oomisha biyya keenyaan boonuu keenya jechaan qofa osoo hin taane binnee fayyadamuun oomishaalee biyya keessaaf beekamtii kennuu fi oomishtoota jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Dooktar Bakar Shaaleen gamasaaniin, ogummaan madda ofitti amanuu ta’uu, ofitti amanuun ammoo furtuu hojiilee kalaqaa ta’uu fi rakkoolee jiran keessaa ariitiin ba’uuf hojiilee kalaqaa jajjabeessuun barbaachisaadha jechuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment