Oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamaa jira – MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Indaastiriiwwan oomishaalee alaa galan biyya keessatti akka oomishaniif hojiilee hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsa gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa ka’aniif deebii kennaniin Indaastiriiwwan caalmaatti bu’aa qabeessa taasiisuuf mootummaan deeggarsa itti fufiinsa qabu taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Gaaffii dhiyeessa Xaa’oon walqabatee ka’eef yaada laataaniin,
Itiyoophiyaan karra galaanaa malee biyya xaa’oo miiliyoona 15 alaa galchaa jirtuudha jedhan.

Xaa’oon alaa galuu qofa osoo hin taane biyya keessatti geejjibsiisuu fi Raabsurratti hojii bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Waliigalaan bara kana dhiyyeessii fi Raabsi Xaa’oo biyyoo kan bara darbee caalaa kallattii hundaan fooyya’aa ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaa sanyii filatamaan bal’inaan biyya keessatti baay’achaa jiraachuu dubbataniiru .

Itiyoophiyaan midhaan nyaataan akka of dandeessu tattaaffii guddaan taasiifamaa jiraachuu eeraniiru.

Maqaa hiyyummaa Itiyoophiya haquun Badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira jedhan.

Keessattuu aadaa hojii jijjiirurratti bifa addaan hojjetamaa jiraachuu deebii yaada ka’eef kennaniin dubbataniiru.

Biyya keessatti lammiilee miiliyoona 3.4 fi biyya alaatti ammoo lammiilee kuma 332’f carraa hojii uumuun danda’amuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment