Oomishaafi oomishtummaa dabaluu fi qulqullina oomishaa mirkaneessuuf walii galteen hojii mallataa’e

Finfinnee, Mudde 9, 2016 (FBC) – Oomishaafi oomishtummaa dabaluu fi qulqullina oomishaa mirkaneessuuf dhaabbanni O -piroodiwusii fi giddu galli kalaqaa Kaayizinii Itiyoophiyaa walii galtee hojii mallatteessaniiru.

Hojii raawwachiiftuu olaantuu dhaabbata O – pirodiwusii Injiinar Maartaa Balaay fi Daayrektera Inistiityuutii Indaastirii manufaakcheriingii Itiyoophiyaatti giddu gala kalaqaa Kaayizinii Dooktar Milkeessaa Jaagamaan waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Gareen Invastimentii O – Piroodiwusii garee misoomaa mootummaa ta’ee Dhaabbileen kanneen akka warshaa ujummoo,warshaa sibiilaa,oomisha mukaa fi meeshaalee manaa, keenyaa beverajii, teekistaayilii Bullukkoo fi Meelbaa of jalatti qabata.

Waliigalteen kunis Oomishaa fi oomishtummaa dabaluu fi qulqullina oomishaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Dhaabbilee misoomaa mootummaa bifa qindaa’aa ta’een oomishan kanneeniif deeggersa kan taasisaan ta’uu Dooktar Milkeessaa Jaagamaann dubbatan.

Lalisee Tasfaayeeu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment