Finfinnee, Eebila 12, 2013 (FBC)- Oomishaaf xaa’oon biyyoo kuntaalli miilyoonni 9.4 gara biyyaa galuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Mootummaan omishtummaa qonnaa deeggaruuf Birrii biiliyoona 4.5 ramaduu ibsameera.
Ministirr deetaan Ministeera Qonnaa aadde Ayinaalam Nigusee, xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 18.1 dhiyeessuuf qophiin taasifamuu ibsaniiru.
Hanga ammaatti Xaa’oon miiliyooni 9.4 gara biyyaa kan gale yoo ta’u; kuntaalli 10 immoo buufata doonii Jibuutii gaheera jedhan.
Gatiin xaa’oo dandeettii qonnaan bultootaa kan madaale akka ta’uuf dhaabbilee mo’atan waliin bu’uura seerri heyyamuun waliigaltee uumuun aadde Ayinaalam dubbataniiru.
Bara oomishaa 2013/14f sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 1.7 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaa sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 1.2 walitti qabuun danda’ameera jedhame.
Ilbiisaa fi dhibee miidhaan mudatu ittisuuf kan oolu keemikaala liitira miiliyoona 1.4 bittaarra kan jiru ta’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.