Oomisha Intarpiraayzoota Maanuufaakcheriingii xixiqqaa guddisuuf walii galteen mallattaa’e

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Oomishaalee Intarpiraayzoota Maanuufaakcheriingii xixiqqaa guddisuuf walii galteen deeggarsa maallaqaa mallattaa’e.
 
Waliigateen kun Mana Maree daldalaa Ityoophiyaa, dhaabbata kaqalaa fi Konsaltaantii idila addunyaa Priisaayis, Intarpiraayzii Maanuufaakcheriingii Griin Ityoophiyaa gidduutti mallattaa’eera.
 
Itti gaafatamaan Mana Maree Daldalaa fi waldaalee damichaa Ityoophiyaa obbo Yesuuf Adamnuur Proojaktii Intarpiraayzootaa waliin mallatteessaniiru.
 
Dhaabbileen xixiqqaa oomisha uffataa, kalloo fi hojii harkaa irratti bobba’an fayyadamoo deeggarsa kanaa ta’uu ibsameera.
 
Obbo Yeesuuf, sagantaan kun akka milkaa’u qaamoolee deeggarsa maallaqaa taasisan galateeffataniiru.
 
Maallaqni deeggarsa taasiifame kaayyoo barbaaddameef akka oolu Intarpiraayzoonni xiyyeeffannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Comments (0)
Add Comment