Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Oomisha giddugala Warshaa Nooraa Gudar dachaan dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Humna oomisha giddugala Waarshichaa kuntaala kuma 400tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Itti Aanaan Biirichaa Obbo Eliyaas Kadiir himaniiru.
Hoggantoonnii fi Ogeeyyiin Ministeera Qonnaa, Biiroo Qonnaa Naannolee, Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa, Waajjira Qonnaa Godinaalee fi Aanaalee, Giduugaloota Qorannoo Biyyee, Sagantaalee Qonnaafi qooda fudhattoonni biroon Giddugala Waarshaa Nooraa Gudar daawwachuun muuxannoo qooddataniiru.
Dhangaggaa’ummaan biyyee akka biyyaatti yaaddoo ta’aa jiru furuuf mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e Federaalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus Obbo Eliyaas dubbataniiru.
Akka Oromiyaatti Lafa qonnaaf oolu keessa lafti hektaarri miiliyoonni 2.2 dhangaggaa’uummaan miidhamuu ibsaniiru.
Bara darbe humna oomisha warshaa Nooraa Gudar kuntaala kuma 196 ture barana gara kuntaala kuma 400’tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Eliyaas kaasuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia