Oomisha Gannaan lafti heektaarri miiliyoonni 3.8 mala ammayyaan qotame – Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Oomisha Gannaan lafti heektaarri miiliyoonni 3.8 mala ammayyaan qotamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.

Qonna gannaa bara kanaaf hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoonni 3.8 mala Ammayyaan qotamuu Ministirri Ministeera Qonna Dooktar Girmaa Amaanteen ibsaniiru.

Dooktar Girmaan bara oomishaa 2014/2015 tti lafti heektarri miiliyoonni 2.9 makaanaayiizeeshiniin qonnaan misoomuu Faanaa Biroodkaastingi Korporeetif ibsaniiru.

Meeshaalee qonna Ammayyaa qonnaan bultootaf qaqqabsisuuf imaammata garagaraa dirrirsuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Maandafroo Niguuseen gama isaaniin, lakkoofsa Tiraakteera fi Koombayinaraa sadarkaa biyyaleessatti kuma 17 olitti guddisuun danda’amuu dubbataniiru.

Giddu gala Tajaajila Makaanaayizeeshinii Qonnaa 10 naannoolee 10 keessatti hundeessuuf hojjetama jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti giddugalli 4 gara hojiitti galuu himaniiru.

Waggoottaan 3 ‘n dhufanitti Tiraakteeroota kuma 142 olii fi Kombaayinaroota kuma 46 qonnann bultootaf raabsuuf karoorfamuun ibsameera.

Zufaan Kasaahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment