Oomisha ganna kanaatiin qofa lafa hektaara kuma 650 ol omisha boloqqeetiin misoomsuun danda’ame – Pir. Shimallis

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Oomisha midhaan nyaataatiin cinaatti, oomisha al-ergii guddisuuf, Inisheetivoota fi paakejiwwan qonnaa garagaraa hojirra oolchaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Hojii kanaan raawwiin fooyyee qabu dhufaa kan jiru yoo ta’u, keessumattu omisha xiyyeeffannaan addaa kennameef keessaa tokko kan ta’e omisha Boloqqeetiin hojiin abdachiisaan hojjetamaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin kaasaniiru.

Naannoon keenya omisha boloqqeef haala mijataa fi humna oomishaa olaanaa kan qabu yoo ta’u, boloqqeen oomisha gabaa addunyaarratti barbaadamudha. Omisha ganna kanaatiin qofa lafa hektaara kuma 650 ol omisha boloqqeetiin misoomsuun danda’ameera jechuun eeraniiru.

Karoora qonnaan bulaan keenya diinagdeen akka of danda’uufi biyya keenya gama indastiriitti ceesisuuf qabanne keessatti omishoonni gabaa alaaf oolan (cash crop) akka boloqqee gumaacha guddaa qabaatu. Gara fuula duraatti oomisha midhaan nyaataa cimsuun rakkoo gama dhiyeessii zaaytaan jiru furuufis nu gargaara.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment