Oomisha diinagdeef barbaachisoo ta’an irratti xiyyeeffachuun Al-ergii dabaluuf kutannoon hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2015 (FBC)- Omisha diinagdee hawaasaa keenyaaf barbaachisoo ta’an irratti xiyyeeffachuun Al-ergii dabaluuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ibsan.

Hojii misooma inisheetiivii cimsuun diinagdee cimaa ta’ee ni ijaarra jedhaniiru.

Hojiilee misooma inisheetiiviin Motummaan Naannoo Oromiyaa irrattii hojjetaa jiru keessaa tokko Inisheetiivii misooma Lawuzi ta’uu gamaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin kan ibsan Pireezidaanti Shimallis, akka Oromiyatti barana lafa hektaara lafa hektaara kuma 225 fi 395 irra facaafamuu himaniiru.

“Dacheen Biyya keenyaa kan itti facaasan kan biqilchitu qofa osoo hin taane, omisha akka Lawizii al ergii keenya keessatti hiika guddaa qaban omishaa jirti” jedhaniiru.

Ammas, omisha diinagdee hawaasaaf barbaachisoo ta’an irratti xiyyeeffachuun Al-ergii dabaluuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment