Oomisha bara 2012 fi 2013 yeroon sassaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-obbo Dhaabaa Dabalee

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)-Oomisha bara 2012 fi 2013 yeroon sassaabuuf xiyyeeffannaatin hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee ibsaniiru.

Obbo Dhaabaa Dabalee ibsa miidiyaaleef laataniin bara kana lafti heektaara miliyoona 6.1 misoomsuf karoorfameen lafa heektaara 6.2 %100 ol misoomsuun danda’ameera jedhan.

Hanga ammaattis oomishaa lafa hektaara miiliyoona 2 irraa sassabbiif ga’aan keessaa heektraara 1.6 sassaabamuusa ibsaniiru.

Oomishni kuntaalli miiliyoonni 9.9 sassaabameera jedhan.

Oomishalee sassaabiif ga’aan teeknooloojiidhan yeroon sassaabufis hojjatama jiraachuu obbo Dhaabaan himaniiru.

Oomishtummaa dabaluuf oomishaalee sassaabiif ga’aan yeroon ummanni magaalaas ta’e baadiyyaa duulaan hojii kanarratti bobbo’un ga’ee isaa akka ba’us waamicha dhiyeessaniiru.

Akka gabaasa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hoomaan Awwaannisaa godinaalee tokko tokkootti muul’atee ture hojii qindoominaa hojjetameen miidhaa guddaan osoo hin qaqqabiin to’atamu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment