Oomisha Bara 2012/2013tiif kan oolu xaa’oon toonii miliyoona 14 bitamee gara biyyaa galaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)- Oomisha Bara 2012/2013tiif kan oolu xaa’oon toonii miliyoona 14 bitamee gara biyyaa galaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Hanga ammaattis xaa’oon kuntaalli miiliyoona 7.2 naannoleef raabsamee jira.

Xaa’oo bittaan raawwatame keessaa kuntaalli miliyoona 9.5 yeroo ammaa buufata Jibuutii ga’ee jira.

Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti, bara kana hojii boneefi jallisiitiif kan oolu xaa’oon kuntaalli kuma 300 fi kuma 30 faayidaa irra akka oole ta’uu Deettaan Ministira Dhimma Bittaa Galteewwanii Ministeera Qonnaa aadde Ayinaalam Nugusee himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment