Oomikroon Ityoophiyaatti muul’achuu fi muul’achuu dhabuu isaa mirkaneessuuf qorannoon gaggeeffamaa jira – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC) – Gosti Vaayrasii Koroonaa Haaraan Oomikroon Ityoophiyaatti muul’achuu fi muul’achuu dhabuu isaa mirkaneessuuf Samuudaan fudhatamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Haala weeraraa fi facaatii Covid-19 ilaalchisee Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniiru.

Yeroo ammaa Ityoophiyaatti weerarrii fi lakkoofsi namoota dhibichaan du’anii dabalaa dhufuu isaa hordofee fayyaan hawaasaa sadarkaa yaaddeessarra ga’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 4 oliif qorannoo laabraatoorii taasiifameen namoonni kumni Dhibbi 3 fi kumni 82 vaayrasichaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Gosti vaayrasii Koroonaa haaraan Baatii Sadaasaa keessa muul’ate Oomikroon biyyoota 106 keessatti argamuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Vaayrasichi saffisaan tatamsa’uurra darbee namoota kana dura Covid -19 qabamanii turan illee ariitiin kan miidhu ta’uu eeraniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment