Onneen Ityoophiyaa Raayyaa Ittisaati- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) –Raayyaan Ittisaa Gaachanaa fi wabii Ityoophiyaa ta’uu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa Dooktar LaggasaamTulouun ibsan.

Kabajni, jaalallii fi tokkummaan Ityoophiyaa tokkokn tokkoo onnee hoggansaa fi miseensota Raayyaa Ittisaa keessa jiraachuu gochaa fi seenaarraa agarreerra jedhan Dooktar Laggasaan.

Ityoophiyaan wareegama jaalala biyyaa onnee Raayyaa Ittisaa keessattti argamtu ta’uu eeraniiru.

Onneen Ityoophiyaa Raayyaa Ittisaati kan jennuuf Jaalala dhugaa wareegama lubbuu kaffalu isaatiin jedhan.

Dhiheenya kanas waldhabdee kaaba biyyattii gootummaan erga qolatee booda, nageenya ummata Amaaraa waliigalaa mirkaneessuuf lubbuu isaa kan kaffalee fi mirga ummataa kan kabachiise Raayyaa Ittisaa biyyaa gootummaan biyya boonse ta’uu kaasaniiru.

Dhugaa kan cinaatti dhiisuun daldaltoonni siyaasaa seenaa gaarii, duudhaa fi wareegama raayyichi kaffale gurraachisuun ummata Amaaraa biratti shakkiin akka uumamu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii Raayyaan Ittisaa naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetaa jiru gufachiisuuf duulli guddaan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Qaamoleen kunneen fedhii diinagdee dhuunfaa isaanii milkeessuuf hojjechaa kan jiran yoo ta’u, tokko tokko ammoo abjuu aangoo barootaaf fedhaa turan milkeessuuf dhama’aa jiraachuu ifatti mul’isuu eegaluu Dooktar Laggasaan himaniiru.

Raayyaan Ittisaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf wareegama kaffalaa turuu fi har’as kaffalaa jiraachuu hubatamuu akka qabu ibsaniiru.

Gaaffii fi fedhii kamuu karaa nagaan dhiyeessuun osoo danda’amuu, fedhii fi faayidaa dhuunfaa humnaan milkeessuuf sochiin taasifamu hundi fudhatama kan hin qabne ta’uu eeraniiru.

Daboo, hokkoraa fi iyya miidiyaa hawaasummaan deebii gaaffii kamuu argachuun kan hin danda’amne ta’uu kaasaniiru.

Qaamoleen kunneen gochaa akkasiirraa akka of qusatan hubachiisaniiru.

Ummanni naannichaa hundi Raayyaa Ittisaa cinaa ta’uun garee saamtootaa fi finxaaleyyii qolachuu akka qaban gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment