Omishtummaa dabaluun gargaaramummaarraa badhaadhinaatti ce’u qabna-Obbo Tasfaayee Beeljigee

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan fakeenya bilisummaa Afriikaa fi addunyaa akkuma taate oomishtummaa dabaluun gargaaramummaarraa badhaadhinaatti ce’u qabna jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Waamamaan Mootummaa Obbo Tasfaayee Beeljigee.

Mariin kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachisee Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti, mata duree “Gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti birmaddummaa fi kabaja biyyaaleesaaf” jedhuun gaggeeffameera.

Sababii gargaaramtummaaf yeroo garaagaraatti biyyattiin hongeef saaxilamaa turuu kan yaadachiisaan Obbo Tasfaayeen, ciminaan hojjennaan rakkoolee hongee fi jijjiirama qabeenyaa qilleensaa dandamachuu dandeenya jedhan.

Akkasumas biyyaattiin hiyyummaa keessaa ba’uun gara badhaadhinaatti cee’uu akka dandeessu eeraniiru.

Qamadii biyyattiin biyya alaatti erguu eegaltee fakkeenya olaanaa fi kan nama boonsuudha jedhan.

Motummaan badhaashina maatii mirkaneessuuf wabii nyaataan of danda’uurra darbee guddinaa biyyaf kan gumaachu ta’uu kaasaniiru.

Waltajji marichaarratti Miseensa Kaabinee Mootummaa Naannoo Somaalee Aadde Haliimoo Hassan, Itti Gaafatamaa Damee Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Namarraa Bulii, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee fi itti gaafatamtonni hojii garaagaraa fi kutaaleen hawaasaa hirmaataniiru.

Minaalee Gabayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment