Omishaaleen Doolaara miiliyoona 915’tti tilmaamaman oomisha biyya keessaan bakka buusamuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an darbanitti oomishaaleen Doolaara miiliyoona 915’tti tilmaamaman oomisha biyya keessaan bakka buufamuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Biyya keessatti uffannaa seeraa qaamolee nageenyaa bakka buusuuf hojiilee hojjetamaniin sharafa alaa Doolaara miiliyoona 41.28 baraaruun akka danda’ame ministeerichi gabasa raawwii baatiiwwan ja’aan darbanii dhiyeesseen ibseera.

Ajaja oomishaa kennameenin oomishaaleen %90.78 oomishamuun eerameera.

Dabalataan indaastiriiwwan olaanaa 35 hojiitti galchuuf karoorfamee 47 hojiitti galfamuu ibsameera.

Indaastiriiwwan oomishaaf Doolaara miiliyoona 303 dhiyeessuuf karoorfamus Doolaarri miiliyoona 128 dhiyaachuu gabaasichi ni mul’isa.

Oomishaalee haaraa shan gara oomisha alergiitti galchuuf karoorfamee oomishaalee haaraa 6 galchuu fi kanarraas Doolaara miiliyooa 7.58 argachuun akka danda’e ibsameera.

Fuulduratti sosochii ‘Ityoophiyaan Haa Oomishtuu’ deeggaruun indaastiriiwwan dadammaqsuu fi gufuuwwan damechaa furuuf dhaabbileen itti gaafatama qaban gahee irraa eegamu akka bahatan hojmaata itti gaafatamummaa diriirsuun akkasumas indaastiriiwwan oomishaa biyya keessaa dhiibbaa oomishaalee alarraa galan irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uun akeekameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment