Omisha qamadii dabaluu cinaatti hawaasni muuxannoo horachaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Xiyyeeffannoo kennameen omisha qamadii dabaluu qofa osoo hintaane hawaasni muuxannoo hedduu argachaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiya hawaasummaa isaniin akka ibsanitti, qaawwa hawaas-dinagdee hedduun jiran ta’uu hundaan waldhaansoo qabuun tokkollee akka mo’annuu hintaasisu.

Mootummaan qaawwaa yeroo hingaafanne adda baasuun irratti hojjechaa jiru keessaa inisheetiviin qamadii tokko ta’uu eeraniiru.

Xiyyeeffannoo kennameenis omisha qamadii dabaluu qofa osoo hin taane, hawaasni muuxannoo hedduu argachaa jiraachuu kaasniiru.

Waggoota muraasa boodas, hirmaannaa mootummaa kallattiin misooma qamadii irratti taasisu kan hafu ta’uu akeekaniiru.

Kunis qaawwa xiyyeeffannaa hatattamaa barbaadan biroo irratti humna guutuun duuluuf carraa kan kennuu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment