Omisha Baala Shaayee lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuuf qophii taasifamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Omisha Baala Shaayee lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuuf qophii olaanaan taasifamaa jiraaachuu Pireezidaantiin Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, galmoota seektara qonnaa keessaa tokko omisha al-ergii dabaluu fi gosa daneesuudha.

Galma kana milkeessuufis hojiin inisheetivii misooma Baala Shaayee kilaastara Lixaa gahee guddaa kan bahatu ta’uu ibsaniiru.

Karoora omisha baala Shaayee dachaa hedduun dabaluuf qabameen, bara kana biqiltuu miiliyoona 409 ol kan qopheeffamu yoo ta’u, lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuuf qophii olaanaan taasifamaa jira jedhaniiru.

Qophii kana keessatti ciminni ogeeyyii qonnaa, hirmaannaan qonnaan bultootaa, hirmaannaan dargaggoota waaraan, dabalataa lafa adda baasuun karooraa ol raawwachuun akka danda’amu adeemsi keessa darbame kan argisiistuudha jedhaniiru.

Deeggarsii fi hordoffiin mootummaa cimee kan itti fufu ta’us Obbo Shimallis mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment