Ololli mootummaan Ijipti qalbii lammiilee hawwachuuf taasisu olola yeroo hin madaalledha – Mahaammad Alaaruusii

Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Ololli mootummaan Ijipti qalbii lammiilee hawwachuuf taasisu olola yeroo hin madaallee fi fudhatama kan hin qabne ta’uu Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Gorsaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Mahaammad Alaaruus ibsaniiru.
Odeeffannoon miidiyaaleen Ijipti tibbana tamsaasaa jiran odeeffannoo sobaa fi bishaan laga Abbayyaa dhuunfaan fayyadamu, adeemsa ofittummaa ta’uu Mahaammad Al Aruusiin turtii Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetii waliin taasiisaniin kaasaniiru.
Tibbana kirkirri lafaa mudate yaada jedhu ka’umsa taasisuun miidiyaaleen Ijipti Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa balaan ni mudata jechuun odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiraachuu eeruun, hidhich biyyoota yaa’ichaarratti miidhaan qaqqabsiisu kan hin jirre ta’uu haqa hundi beekuudha jedhan.
Hidhicha ilaalchisee gareen Teeknikaa akkasumas ministiroonni biyya alaa fi hoggantoonni olaanoon biyyoota yaa’ichaa marii gaggeessaa turuun kan yaadatamu ta’uu kaasaniiru.
Ololli miidiyaaleen biyyattii yeroo ammaa afarsaa jiran fedhii waliigaltee gita bittaa duraanii hojiirra oolchuu fi bishaan Abbayyaa dhuunfaan fayyadamuurraa kan madde, ofittummaa ta’uu hubachiisaniiru.
Taateen kun hawwii hin milkoofnee fi dhimma hin yaadamne ta’uu himuun, ejjennoon Itiyoophiyaa ammas gara fuulduraas imaammata waloon fayyadamuu ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment