Ololaa ol Ityoophiyaan har’as toora xiyyeeffannoo Invastimantiiti – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Ololaa ol Ityoophiyaan har’as toora xiyyeeffannoo Invastimantii ta’uu ishee Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.
Dhaabbilee Albuudaa Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, Siwiidin, Emireetoota Araba Gamtoomanii fi Xaaliyaanii waliin marii bal’aa fi bu’aa qabeessa taasiisuu isaanii Injiinar Taakkalaan fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin himaniiru.
Dhaabbileen kunneen misooma Invastimantii Ityoophiyaa keessaa qaban guddisuu fi dabalataan Albuudarratti hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru jedhan.
Gama ministeerichaan deeggarsi barbaachisu taasiisuuf walii galuu isaanii himaniiru.
Marichaan Ityoophiyaan damee Albuudaan Invastimantii hawwachuuf dandeettii qabaachuu kan mirkanaa’e ta’uu kaasaniiru.
Injiinar Taakkalaan adda hundaan qabsoon itti fufa, dhummarrattis Ityoophiyaan ni injifatti jechuun barreessaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment