Ogummaa barsiisummaa filatamaa fi jaalatamaa gochuuf ni hojjetama –Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Ogummaa barsiisummaa filatamaa fi jaalatamaa gochuuf kan hojjetu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
 
Hoggantoonni fi hojjettoonni Ministeerrichaa sadarkaa garaagaraarratti argaman karoora waliigalaa waggaa 10 irratti mari’achaa jiru.
 
Marii kanarrattis ogummaan barsiisummaa bu’urummaa irraa eegalee rakkoo qabaachuu ka’eera.
 
Bakka ogeeyyiin ogummaa barsiisummaa fedhiin filatanii hin seeneetti qulqullina barnootaa fooyyeessuun rakkisaa ta’uu maricharratti dubbatameera.
 
Ergama ogummichaarraa eeggamu milkeessuuf barsiisoota sadarkaa leenjii fi dirqama ogummaa ba’uu danda’aniin qopheessuun barbaachisaadha jedhame.
 
Ogummaa barsiisummaa ogummaa filatamaa taasisuuf dandeettiin barsiisootaa fi kaka’umsa isaanii guddisuu, sirna leenjii, jireenya, haala hojii fi galii isaanii fooyyeessuun sadarkaa ogummichaaf kabaja laachuun dirqama ta’uu akka qabu himameera.
 
Ministeerichi waggoottaan kurnan dhufan keessatti ogummicha filatamaa fi jaalatamaa gochuuf karoorfachuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment