Ogummaa babal’isuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 10, 2016(FBC)– Inisheetivoota babal’isuu fi idileessuu dabalatee ogummaa babal’isuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo oromiyaa Shimallis Abdiisaan akeekan.
Pireezidaanti Shimallis dawwannaa misooma idilee akkasumas, hordoffii pirojektootaa fi inisheetivootaa guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jiran cimsuun, “Hawaasa keenya waliin bobbanee dachee eebbifamtuu, burqaa Shaampiyoonota, lafa qilleensi ishee ayyaana dursummaa laatu, Godina Arsiitti argamneerra” jedhan.
Arsiin lafa garreen hurrii samiitti hirkatan, faana ijoolleeshee fiiguuf dadhabbii hinbeekneen kabaja biyyaaf aarsaa qaqqabsiifte ta’uu ibsan.
Kallacha jabinaa Oromiyaa, ulfina faajjii biyyaa, lafti galaana atileetotaan beekamtu kun, galaana aannaniifi midhaaniitis jedhaniiru.
Daawwannaa Aanaa fi Magaalaa Boqojjii, Aanaalee Leemmuu fi Bilbiloo, akkasumas Digaaluu fi Xiijjootti taasisaniin, kilaastara qamadii, horsiisa loonii, warshaa aannanii yuuniyeenii qonnaan bultootaa, akkasumas pirojektoota gara garaa magaalaa Asallaa daawwachuu himan.
Godinni Arsii kanaan duras lafa ummata hojiirratti nuffii hinbeekne, akkasumas godina omishaan naannoo keenya fuulduratti fidaa tureedha.
Haa ta’u malee, sababa aadaa qusannaa gadi aanaa jirurraa kan ka’e dinagdee jabaa ijaaruun akka hindanda’ame yadachiisanii, hoggansii fi hawaasni godinichaa aadaa qusannaa cimaa umuun dinagdee dorgomaa ijaaruu keessatti gahee isaanii akka bahattan dhaamaniiru.
Hojiin misoomaa magaalaa Asallaa jalqabiitti gaarii ta’us, fayyadamummaa ummata magaalichaa mirkaneessuuf inisheetivoota magaalaafi sochii misooma magaalaa waliigalaa irratti ammas halkaniifi guyyaa hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Waliigalaan, hojiilee inisheetivoota babal’isuu fi idileessuu akkasumas magaaloomuu, keessumaa ogummaa babal’isuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu qabu jedhan.
Simannaa ho’aa ummanni Godina Arsii Lixaa fi Godina Arsii taasiseef, galateeffataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment