Finfinnee, Hagayya 8, 2013 (FBC) –Oggeeyyii Aartii gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa onnachiisuuf gara wiirtuu leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Xollaayi fi Awaash Aarbaatti imalaniif gaggeessaan taasifameera.
Gaggeessaa taasifame kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Ministirri Ministeera Aadaa fi Turizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw, tokkummaa biyyaaleessaa uumuu keessatti aartiin ga’ee guddaa qaba jedhan.
Yeroo ammaa Adwaa lammaffaa keessatti argamna kanaaf ogummaa keessan kana fayyadamtanii tokkummaan biyyaaleessaa akka dagaaguu hojjadha.
Hojii hojjatan hunda keessatti Mootummaan sin cinaa dhaabbata..
Ummanni hundi Faayidaa biyyooleessummaa eegsisuu keessatti ga’ee isarraa eegamuu ba’uu qaba.
Imala gaarii siniif haa ta’u jedhaniru ministirri ministeera Aadaa fi Turizimii Hiruut Kaasaan.
Daagwaawii Deeksisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna