Ogeeyyonni kalaqa garagaraa kalaqa isaanii akka dhiyeessaan waamichi taasifame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Ogeeyyonni kalaqa garagaraa kalaqa isaanii akka dhiyeessaan waamichi taasifame

 

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad weerara vaayrasii koroonaa yeroo ammaa addunyaa yaadessa jiruu kana darbuuf  dandeettii fi qabeenya qabnutti fayyadamnee kalaqa keenya waliin qindeessinee fayyadamuu akka qabnu ibsan.

 

Dooktar Abiy nuti lammiileen Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaan booddee biyya mijooftuu fi qormaaticha haalaa kan injifattee arguu yoo barbaanne dandeettii fi qabeenya qabnutti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

 

Qabeenya jiru mara sirritti sakkatanee qisaasama tokko malee fayyadamuu qabna jedhan. Qbeenya qabnu yeroo barbaachisutti, kaayyoo barbaachisuuf, karaa barbaachisuun fayyadamuun barbaachiisaa akka ta’e Dooktar Abiy hubachiisaniiru.

 

Maddi qabeenya dhala namaa guddaan sammuu waan ta’eef qabeenya beekumsarratti bu’uureffame baayiifnee fayyadamuu akka qabnu ibsaniiru.

 

Weerara vaayrasii koroonaa ittifnee biyya foyyoofte ijaaruuf qabeenyaa qabnurratti beekumsaa fi kalaqa qindeessinee fayyadamuu akka qabnu hubachiisaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment